Finfinnee, Hagayya 23, 2018 (FMC)- Daa’imni umrii waggaa 8 Zooyaal Gaalii muka koruun balaa lolaa cimaa tibbana Neeppaalitti mudate irraa ooluu danda’eera.
Zooyaal Gaalii fi obboleessi isaa balichi osoo hin mudatiin dura akkuma baratame biskileetii isaaniin gara mana barumsaa deemuun barnoota isaanii hordofaa turan.
Nagumaan gara mana burumsaa isaaniitti kan imalan obboleewwan lameen tasa wanti isaan hin yaadne; guyyicha gara galgalaa balaan lolaa cimaan Neeppaal mudate.
Balaa rifaasisaa kana hordofee haati ijoollee kanneenii Maatii Maayaa Taamaangi ijoollee ishee barbaachatti kaate.
Barbaacha yeroo dheeraa booda mucaa ishee isa tokko lubbuun yoo argitu, daa’ima umriin isaa waggaa 8 Zooyaal Gaalii garuu argachuu hin dandeenye.
Zooyaal Gaalii akkuma balichi mudateen gara bosonaatti fiiguun muka koree lubbuu isaa balicharraa kan baraare yoo ta’u, boodarra hojjettoonni lubbuu baraaran arganii gara Hospitaalaatti geessan.
Tattaaffii cimaa teessoo daa’ima kanaa argachuuf taasifameen booda gaazexeessituun Rooyitars Saahinaa Baayraachaariyaan bilbila haadha isaa argachuun haadhaafi daa’ima kana walitti fiduun danda’ameera.
Haadhi daa’ima kanaa “maqaan mucaa koo maqaa namoota balichaan lubbuun isaanii darbeera jedhamuun poolisiin ifooman 580 keessatti hin eeramne; haa ta’u malee lubbuun ni argama jedhee hin yaadne” jechuun Rooyitarsiif ibsiteetti.
Daa’imni kun tattaaffii balicharraa ooluuf taasiseen miilli isaa tokko yoo cabu, fuulli isaas madaa’eera.
Yeroo ammaa kana garuu haala gaarii irra akka jiru ibsameera.
Miikiyaas Ayyalaan.
#Oromia #Ethiopia