Haati Tokko Daa’ima Kiiloogiraama 6.4 ulfaatu deesse

Finfinnee, Adoolessa 23, 2018 (FMC)- ‎Godina Beenchi Shakkootti Haati tokko Daa’ima kiiloogiraama 6.4 ulfaatu nagaan deesseerti.

Haati kun Hospitaala Yuunivarsiitii Miizaan Teeppiiitti hordoffii ogeeyyii yaala fayyaan taasifameefiin wal’aansa baqaqsanii yaaluun dahuu ishee Ispheeshaalistiin Ulfaa fi Gadammeessaa Dooktar Chuuchuu Araggaa ibsaniiru.

‎Aadde Saayiluush kanaan dura daa’ima ishee lammaffaas kiiloogiraama 5 wal’aansa baqaqsanii yaaluun deesseerti.

Tasfaayee Mirreessaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment