Finfinnee, Ebla 28, 2018 (FMC) – Hospitaalaa Ispeeshaalaayizdii Hiyiwoot Faanaa Magaalaa Hararitti haati tokko yeroo tokko daa’imman 5 nagaan oofkalteerti.
Jiraattuu Magaalaa Harar aanaa Soofii ganda Qiilee kan taate Aadde Badiriyaa Adam turtii waggoota 12 booda kaleessa halkan daa’immaan 5 yeroo tokkotti oofkalte.
Aadde Badiriyaa Adam waggoota 12’f daa’ima dahuu barbaadanis osoo hin milkaa’in turuun xinsammuu isheerratti miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu yaadachuun, amma garuu miira gammachuu addaa keessa jiraachuu dubbatti.
Daa’immaan kunneeniif kunuunsi barbaachisu taasifamaafii jiraachuu Ispeeshaalistiin yaala Gadameessaa fi Ulfaa Dooktar Obsaa Hasan ibsaniiru.
Yeroo ammaa kanas daa’immanis ta’ee haati haala gaariirratti kan argaman ta’uu dubbatan.
Tashoomaa Hayiluutiin
#Oromia #Ethiopia