Finfinnee, Caamsaa 6, 2018(FMC) –Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa hundeeffama waggaa 80ffaa isaa sababeeffachuun agarsiisa Xiyyaarotaa qilleensaa buufata Xiyaaraa idil Addunyaa Booleetti baneera.
Ministeera Ministeera Geejjibaa fi Loojistiiksii Dooktar Alamuu Simee fi Hoji Gaggeessaaa Olaanaa daandii qilleensa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasaw saganticha bananiiru.
Daandiin qilleensichaa fakkeenyummaa Afrikaa ta’uun kan beekamuufi kenna tajaajilaa si’ataafi amansiisaa maamiltootaaf kennaa waggoota 80’n dabarsuufi ammayummaa isaa yeroo yeroon dabalaa xiyaarota ammayyaa ta’an bituun dabalataan hojiitti galchuuf hojjechaa jiraachuu obbo Masfin eeraniiru.
Agarsiisni har’a baname kunis imala seenaa qabeessa dhaabbatichaa fi dandeettii Aviyeeshinii ammayyaa isaa daawwattootaaf kan agarsiisu ta’uu sagantaa baninsaa irratti himameera.
Baayiluu Baaneetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia