Finfinnee, Onkoloolessa 23, 2019 (FMC) – Dameen Aviyeeshinii dhimma guddina diinagdee qofa osoo hin taane, dhimma tarsiimawaa kallattiin nageenya biyyaalessaa waliin walqabatudha jedhan Itti Aanaan Daayirektara Jeneraalaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Dooktar Sisaay Tolaa.
Milkaa’ina damee nageenya Aviyeeshiniitiin galmaa’eef sagantaan beekamtii kennuu fi galateeffannaa gaggeeffameera.
Dooktar Sisaay Tolaa saganticha irratti akka jedhanitti, dameen aviyeeshinii itti fufiinsa guddina diinagdee biyya keenyaa, hariiroo idil-addunyaa fi walitti hidhamiinsa geejjiba qilleensaa cimsuu bira darbee, nageenya biyyaalessaa waliin kallattiin kan walqabatu dhimma tarsiimawaadha.
Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa damee nageenya aviyeeshinii cimsuuf gurmaa’iinsaa fi hojimaata isaa fooyyessuun, qindoomina qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qabu guddisuun, akkasumas dandeettii odeeffannoo irratti hundaa’uun dandeettii murtoo saffisaa fi yeroo isaa eeggate kennuu isaa cimsuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Dabalataanis, teeknooloojii meeshaa ijoo ergama isaa milkeessuuf gargaaru taasifachuun hojiilee riifoormii raawwateen, Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa maqaa gaarii qabuu akka itti fufsiisu gumaacheera jedhan.
Hoggantoonni fi hojjettoonni damee kanaas qormaata idil-addunyaa, naannawaa fi biyya keessaa mudatan dandamachuun ergama isaanii sadarkaa olaanaadhaan bahachaa turuu ibsaniiru.
Nageenya aviyeeshinii ilaalchisee sirni biyyaalessaa qindaa’aa fi balaa dursee ittisuuf dursa kennuun caalmaatti cime kan hojjetamu ta’uu himaniiru.
Yaa’ii COP-32 Itiyoophiyaan bara 2027tti keessummeessitu milkeessuuf qophiin gahaan akka taasifamu, akkasumas bu’uuraalee misoomaa fi dandeettiin nageenyaa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu ijaaramaa jiru tilmaama keessa galche uumamaa akka jiru eeraniiru.
Daayirektarri Olaanaan Qajeelcha Olaanaa Nageenya Aviyeeshinii, obbo Asraat Qajeelaa gama isaaniin, nageenyi aviyeeshinii damee xiyyeeffannoo fi of-eeggannoo olaanaa barbaadu ta’uu kaasuun, dandeettii gahaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa fi dhaabbilee geejjiba qilleensaa biroo wajjin walsimu ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Bakka bu’aan Hoji-Raawwachiisaa Olaanaa Garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa, Obbo Rattaa Malaakuu, guddina daandiin qilleensaa yeroo gara yerootti agarsiisaa jiru, akkasumas sadarkaa idil-addunyaatti amanamummaa fi filatamummaa isaa eeggatee akka itti fufuuf, mul’ata, tarsiimoo fi hojimaata daandii qilleensaarra darbee hojiiwwan damee nageenya aviyeeshinii Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaatiin raawwatamanis gahee murteessaa akka qaban hubachiisaniiru.
Milkaa’ina damee nageenya aviyeeshiniitiin galmaa’e ilaalchisee sagantaa gaggeeffame irratti hoggantoonni olaanoon dhaabbilee garaagaraa argamaniiru.
Saganticharrattis miseensonni damee kanaa, qaamoleen dhimmi ilaallatuu sadarkaa garaagaraatti gahee olaanaa bahataniif beekamtiin kennameera.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa