Finfinnee, Onkololeessa 23, 2019 (FMC) – Magaalonni Itiyoophiyaa hedduun magariisummaa, qulqullinaa fi miidhagina fooyyessuudhaan naannoo jireenyaaf mijataa ta’an uumuu keessatti argamu.
Mootummaan Ida’amuu yeroo ammaa kallattii maraan hojiilee fayyadamummaa hawaasaa guddisan badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsaan hojjechuurratti argama.
Jireenya lammiilee fooyyessuuf murtoowwan fudhachaa jirus lafarratti qabatamaan mul’achaa jiru.
Akka biyyaatti xiyyeefannoo Magaalotaaf kennameen jijjiiramni olaanaan mul’achuu eegalee jira.
Itiyoophiyaan sadarkaa idil addunyaatti guddina magaalotaa saffisaa ta’e galmeessaa jirti.
Magaalotni Itiyoophiyaa baay’een isaanii guddina waaraa, hunda-hammataa, nama irratti xiyyeeffatee fi misooma waaraan hojii bu’aa qabeessa argamsiisaa jiru.
Fayyadamummaa uummata mirkaneessuuf pirojektoota uummata bu’uureffatan irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiru.
Guddina dinagdee ittifufinsa qabu mirkaneessuuf hawaasa hirmaachisuun qindoominaa fi murannoon hojjetamaa jira.
Misoomsi koriidaraa hojiiwwan madaallii jireenya uummataa ol kaasanii fi haala jireenya hawaasaa mijeessan keessaa isa tokkodha.
Misoomni Koriidarii magaaloonni jireenyaaf mijatoo, ammayyaa,miidhagoo fi agarsiiftuu Badhaadhinaa akka ta’an taasiseera.
Pirojektiin “Maaddii Shaggariif” Magaalaa Finfinnee misoomsuun, magaalattii jiraattotaaf mijaattuu fi bakka gahumsa tuuristoota addunyaa taasisuuf hojiin eegalame agarsiistu guddaadha.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Nageenyaa fi tasgabbii waaraa magaalattiitti mirkaneessuuf hojiin hojjetamaa jiran cimanii kan itti fufan ta’uu ibsan.
Magaalichatti dhiyeessii manneen jireenyaa fooyyessuu, carraa hojii bal’aa uumuu, nageenya Tiraafikaa mirkaneessuu, madda galii hawaasaa dabaluu, bakkeewwan sosochii qaamaa babal’isuun fayyaa hawaasaa mirkaneessuu, kenna tajaajilaa si’ataa taasisuu dabalatee hojiileen guddina magaalichaa madaalaan hedduun hojjetamaniiru.
Hojiilee hojjetaman kanaanis Finfinnee badhaasawwan idil addunyaa garaagaraa badhaafamteetti.
Akkasuma magaaloonni naannooles muuxannoo fudhachuun sadarkaa isaanii fooyyessuurratti argamu.
Magaalaan Bishooftuu, Adaamaa, Roobee, Shaashamannee, Jimmaa, Aggaaroo fi Naqamteen magaaloota Oromiyaa hojii misooma Koriidariin fakkeenya gaarii qabaniidha.
Magaaloonni bakka oomishaas ta’anii jiru.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad akka biyyaatti sagantaa Maaddii Guutuu bara 2015 kan eegalchiisan yoo ta’u, bara sana irraa eegalee oomishaafi oomishtummaa guddisuun milkaa’ina olaanaa galmeessisaa jira.
Sagantaa maaddii guutuun hojiileen magaaloota keessatti hojjetaman Badhaadhina sadarkaa maatii mirkaneessu irra darbee wabii midhaan nyaataa waaressuu keessatti gahee mataa isaanii bahachaa jiru.
Keessattuu Inisheetiviin misoomaa aannanii, Lukkuu, kuduraa fi muduraa, Dammaa, Qurximmuu fi kanneen biroo qabatamaan bu’aa argamsiisaniiru.
Magaalaan Shaggar, Adaamaa fi Bishooftuun ammoo magaalota Inisheetiviiwwan qonna magaalaan jijjiirama olaanaa galmeessaniidha.
Magaalonni kunneen magaalaan bakka oomishaa ta’uu akka danda’u hojiin agarsiisaniiru.
Siifan Magarsaatiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa