Dandeettii misoomaa Afrikaa dhugoomsuuf hirmaannaan dubartootaa fi gaheen hoggansa keessatti qaban cimuu qaba – Aadde Shawiit Shaankaa

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2019 (FMC) – Dandeettii misoomaa Afrikaa dhugoomsuuf hirmaannaan dubartootaa fi gaheen  hoggansa keessatti qaban cimuu qaba jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Aadde Shawiit Shaankaan.
 
Yaa’ii 2ffaan Paartilee Siyaasaa Afrikaa mata duree “ Guddina Hogganuu; Paartileen Siyaasaa wixinee egeree diinagdee Afrikaa bocu” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
 
Aadde Shawiit Shaankaa haasawa waltajjicharratti taasisaniin, dandeettii misoomaa Afrikaa dhugoomsuuf hirmaannaan dubartootaafi shamarranii, akkasumas gaheen hoggansa keessatti qaban daran cimuu akka qabu kaasaniiru.
 
Dandeettii misoomaa ardichaa sirnaan fayyadamuuf hoggansi kutannoo fi mul’ata qabu, akkasumas hirmaannaan hunda hammate murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
 
Tattaaffiin hirmaannaa dubartootaa moggeessu bu’aa barbaadamu fiduu akka hin dandeenye ibsuun, fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuun misooma waaraa Afrikaaf bu’uura murteessaa ta’uu kaasaniiru.
 
Mul’anni qaroominaa Itiyoophiyaa yaadama Ida’amuun hogganamu dubartoonni qixa akka hirmaataniif hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Bara 2010 irraa eegalee Itiyoophiyaatti hirmaannaa dubartoonni hoggansa keessatti qaban %50 irra gahuu eeruun, biyyattiin dubartoota hirmaachisuu qofa osoo hin taane, qooda isaanii imaammata bocuufi jijjiirama biyyaalessaa hogganuu keessatti qabanis guddisuu dandeesseetti jedhaniiru.
 
Jijjiiramni kun bu’aa hoggansa mul’ata qabuuti jedhanii, hoggansa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin Itiyoophiyaan Afrikaaf fakkeenya ta’aa dhufuu ibsaniiru.
 
Caasaa hoggansa paartilee siyaasaa Afrikaa keessattis gaheen hoggansa dubartootaa cimuu akka qabu hubachiisaniiru.
 
Masaafint Birilleetu gabaase.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

 

Comments (0)
Add Comment