Finfinnee, Onkololeessa 26, 2019 (FMC)- Ijipti balleessaa ishee kana duraaf iyyuu Itiyoophiyaa dhiifama gaafachuu qabdi jedhan Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaan.
Itiyoophiyaan qabeenyi bishaan ishee bu’uura badhaadhinaa akka ta’uuf xiyyeeffannoon hojjeteetti jedhan Dooktar Injiinar Haabtaamuun turtii Faanaa Miidiyaa Korporeeshiin waliin taasisaniin.
Dooktar Injiinar Haabtaamuun, Ijipti dhimma Itiyoophiyaa irratti hubannoo gahaa dhabuurraa kan ka’e himannaa garaagaraa dhiyeessaa turuu eeruun, kunis ragaa qabatamaa kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.
Ijipti wayita hunda misomaa fi nageenyaa Itiyoophiyaa waan hin barbaadneef yeroo mara ajandaa ishee ijoo Itiyoophiyaa taasiftiis jedhan.
Ijipti wayita Hidha Aswaan ijaartuu Itiyoophiyaas ta’ee Biyyoota Ollaa biroo waliin hin mari’anne kan jedhan Dooktar Haabtaamuun, wayita Itiyoophiyaan Hidha Guddicha Haaromsaa ijaartu garuu akka isheen mari’atamuu qabuutti yaaddi jedhan.
Kanaanis Ijipti qabeenyi ishee wayita kan ishee qofa, yeroo kan Itiyoophiyaa immoo kan waloo ta’uu qaba jedhu ilaalcha duubatti hafa akka qabdu kaasaniiru.
Biyyattiin wayita Aswaan ijaartu lammiilee Sudaan heddu qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqisuus eeraniiru.
Qabeenyi bu’uura qaroomina ummataa Sudaan kan ta’e Hidha Aswaan jalatti badee hafuu kaasuun, namoonni kuma 100 ol ta’an buqqa’uus dubbataniiru.
Kunis adeemsa Ijipti biyyoota ollaa miidhuun ofii qofa misoomsuuf yaaltuu kan mul’isu ta’uu himaniiru.
Ilaalchi Ijipti yeroo maraa ani qofaan haa guddadhu kan jedhu ta’uu kaasan.
Itiyoophiyaan dhiibbaan Ijipti bara ishee guutuu gaggeessaa turte boodatti hafaa ta’uu hubachuun, yaadota ishee kan dhiyeessitu karaa saayinsawaa fi waloon misoomuu jedhu hordofuun ta’uu ibsaniiru.
Imaammanni mootummaan Itiyoophiyaa hordofuu fi hojiileen raawwatu waan mul’atuu fi hawaasa idil addunyaa biratti fudhatama qabu ta’uu dubbataniiru.
Ijipti olola garaagaraa kanneen akka nuti rakkoo bishaanii hin qabnu, altokko tokko immoo lolaan nu miidhaa jira, yeroo kaan immoo rakkoo bishaanii keessa gallee jechuun oduu qabatamaa hin taane odeessa ooltis jedhan.
Darbees nuti warra abbaa bishaaniiti jechuun yaada duubatti hafaa afarsaa oolu jedhan.
Kun immoo yaadama Itiyoophiyaa beekuu dhaabuu isaanirraa kan madde ta’uu himan.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa
Tsahaay Gulummaatiin.