Dhaabbanni Inshuraansii Itiyoophiyaa bara baajataa kana galii Birrii biiliyoona 18.6 argate

Finfinnee, Hagayya 29, 2018 (FMC) – Dhaabbanni Inshuraansii Itiyoophiyaa bara baajataa kana galii Birrii biiliyoona 18.6 argadhe jedhe.

Dhaabbatichi Yaa’ii waggaa 39ffaa bara baajataa 2018 gaggeessaa jira.

Bara baajataa 2018 keessa galii Birrii biiliyoona 18.6 walitti qabuun bu’aa gaarii galmeessuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan dhaabbatichaa Abeel Taaddasaan ibsaniiru.

Karoorri bara baajatichaa % 98 milkaa’uu eeran.

Raawwiin hojii bara kanaas kan bara darbeen walbira yoo qabame % 40 caalmaa qabaachuu kaasan.

Jamaal Ahimadiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment