Dhaabbatichi appilikeeshinii Diijitaalaa tajaajila isaa caalmaatti si’oomsu ifoomse

Finfinnee, Hagayya 29, 2018 (FMC) – Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa appilikeeshinii Diijitaalaa tajaajila isaa caalmaatti si’oomsu ifoomseera.

Appilikeeshinichi maamiltoonni bakka jiranii tajaajila dhaabbatichaa kamiiyyuu akka argatan kan dandeessisu Appilikeeshinii Diijitaalaa haaraa ta’uutu ibsame.

Tajaajila si’ataa, ammayyaa fi uwwisa tajaajilaa bal’isuun hanqinaalee turan furuu keessatti appilikeeshinii gahee olaanaa qabu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbatichaa Injinar Abduulbar Shamsuun ibsaniiru.

Appilikeeshinichi guyyoota torbanuu tajaajila sa’aatii 24 kennuuf dandeessisa jedhan.

Teeknooloojiin misooma hunda galeessa biyyattii saffisiisuuf wantoota barbaachisaan keessaa ijoo ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Geejjiba Baabura Itiyoo Jiibuutii Injinar Taakkalaa Uuman himaniiru.

Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf damee Loojistiksiif ulaa Galaanaa qabaachuun diqrama akka ta’e hubachiisna.

Tajaajilli dijitaalaa ifoome kun, imala Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf tarkaanfii tokko ta’uu kaasan.

Ashannaafii Shibbiruutiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment