Finfinnee, Waxabajjii 16, 2018(FMC)- Dhaabbii bara kanaaf biqiltuu biiliyoonni 5 fi miiliyoonni 300 ol qophaa’eera jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, milkaa’ina waggoota darbanii irratti hundaa’uun, qophiin Ashaaraa magariisaa bara kanaa haala sirnaawaa ta’een adeemsifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.
𝐀𝐬𝐡𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐠𝐚𝐫𝐢𝐢𝐬𝐚𝐚: 𝐁𝐢𝐪𝐢𝐥𝐭𝐮𝐮 𝐃𝐡𝐚𝐚𝐛𝐮𝐮𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐫𝐚 𝐁𝐮𝐥𝐜𝐡𝐢𝐢𝐧𝐬𝐚 𝐒𝐢𝐫𝐧𝐚-𝐈𝐤𝐤𝐨𝐨 𝐔𝐦𝐚𝐦𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢
Hawaasni kamuu biqiltuu dhaabuu mala. Haata’u malee, biqiltuu dhaabe kunuunsuun, irra deebiin bosonoomsuun, sirna-ikkoo umamaa iddootti deebisuun, akkasumas bu’aa isaa dhalootaa dhalootatti ceesisuun hoggansa mootummaa cimaa, hawaasa dammaqaa, duudhaa qabiinsa umamaafi sirna itti fufiinsa qabu gaafata. Kanaaf, milkaa’ina sagantaa Ashaaraa Magariisaa keenyaa, lakkoofsa biqiltuu dhaabne qofaan osoo hintaane, sadarkaa dandeettii sirna-ikkoo umamaa deebisnee ijaaruufi dhalootaaf waaressuu itti horanneen madaalla.
`
Waggoota torban darban, akka naannootti biqiltuu gosa garagaraa bil. 28.2 dhaabneerra. Kana keessaa giddugaleessaan %85 lateera.
Addatti, biqiltuu bara darbe dhaabame keessaa, %87.4 ol latuu danda’eera. Kunis dhaabbii qofa osoo hintaane, aadaan kunuunsaa, hordoffiifi itti gaafatamummaa hawaasaa gulantaa haaraatti ce’aa dhufuu agarsiisa.
Bu’aan hojii waggoota darbanii har’a ifatti muldhachaa jira. Uwwisni bosona Oromiyaa %17 irraa gara %29 olitti guddachuu danda’eera. Burqituuwwan kosan deebi’anii madduu jalqabaniiru.
Haroowwaniifi lageen irratti fooyya’iinsi muldhataa jira. Bineensonni bosonaa sababa mancaatii dawoo isaaniitiin baqatanii turan deebi’aa jiru. Dhiqamni biyyoo hirdhachaa, kuufamni bishaan lafa keessaa dabalaa, xaa’ummaan biyyoo fooyya’aa, oomishtummaan qonnaas guddachaa jira. Kana jechuun, biqiltuun dhaabne lateera jechuu qofa miti; sirni of-haaromsa umamaa yeroo dheeraaf miidhamee ture, suuta suutaan lubbuutti deebi’aa jira jechuudha.
Ka’umsi keenya biqiltuu dhaabuu irratti qofa hinhafne. Sagantaa “Lafa Dhalootaaf Bayyanachiisuu” jedhuun gandoota naannoo keenyaa kuma 7 ol keessatti, lafti dhaloota egereetiif bayyanatu adda bafamaa jira. Kun hojii waggaa tokkoof hojjetamu miti; waliigaltee dhaloota har’aafi dhaloota boruu gidduutti mallatteeffamaa jiruudha. Sochiin keenya bu’aa har’aa qofaaf kan taasifamuu miti. Qabeenya boru dhaloonni irratti ijaarramu, har’a tikfachuun akka barbaachisu kan hubachiisudha.
Itti gaafatamummaan waloo, yeroo kan namuutuu osoo hinta’in hafu nimuldhata. Kanaaf hoggantoonni torban gandoota baadiyyaa keenyaa, tokkoon tokkoon isaanii bosona tokko tokkoof itti gaafatamummaa mootummaa akka fudhatan taasifameera.
Kunis adeemsi keenya biqiltuu dhaabuu irraa gara qabeenya umamaa bulchuufi sirna bulchiinsaa itti gaafatamummaa irratti hundaa’e diriirsuutti ce’aa jiraachuu agarsiisa. Qabeenya umamaa irratti, itti gaafatamummaa ifa ta’e, qaama beekameef ifatti kennuun keenya, eegumsi isaa akka cimu akkasumas itti fufiinsi isaa akka mirkanaa’u taasisaa jira.
Milkaa’ina waggoota darbanii irratti hundaa’uun, qophii bara kanaas haala sirnaawaa ta’een adeemsisaa jirra. Buufataalee biqiltuu kuma 27 ol irratti, sanyii mukaa kunt. kuma 17 ol facaafneerra.
Kanaanis biqiltuu bil. 5.3 ol dhaabbii bara kanaaf qopheessineerra. Lafaafi boolla dhaabbii baldhinaan qophii taasisneerra. Kana malees, hojii adda baasuu lafa dhaabbii keessatti, teknoolojii ‘GIS’ baldhinaan hojiirra oolchineerra.
Kunis ragaa amansiisaa maddisiisuu, hordoffii cimsuu, gabaasa sirrii argachuufi hojii dhaabbii biqiltuu pilaanii, ragaafi hordoffii ammayyaa irratti hundaa’uun gaggeessuuf nudandeessiseera. Gama birootiin, qophii keenya baay’ina qofa osoo hintaane, karoora, ragaa, hordoffiifi itti gaafatamummaa irratti hundeessaa dhufuu agarsiisa.
Sagantaa bara kanaa keessatti lammiilee mil. 15 ol hirmaachisuuf karoorsineerra. Dhugaan jiru garuu tokko. Milkaa’inni Ashaaraa Magariisaa armaan duras mootummaa qofaan hindhufne; hindhufus. Hirmaannaa boonsaa hawaasa keenyatu milkeesse.
Fuuldureen isaa ammoo deebi’ee sirnaawuu duudhaafi safuu namaafi umamaa irratti hundaa’a.
Ija kanaan, milkaa’ina Ashaaraa Magariisaa biqiltuu meeqa dhaabne jechuu qofaan hinmadaallu. Madaalliis isaa deebii gaaffiilee kanniinii irratti hundaa’a: Bosona meeqa tikfanne? Burqituu kose meeqa deebifne? Lageen gogan meeqa yaa’atti deebifne? Haroowwan meeqa badiirraa baraarre? Lafa hekt. meeqa dhalootaaf bayyanachiifne? Naannawa meeqa ikoo-turizimiif mijataa taasisne? Bineensa meeqaaf deebisnee dawoo uumne? Sirna umamaa hagam akka ofiin of-haaromsu taasisaa jirra?
Kanaaf sagantaan Ashaaraa Magariisaa hojii biqiltuu dhaabuu qofa miti. Hojii sirnakkoo umamaa deebisanii ijaaruuti.
Hojii qabeenya dhalootaaf waaressuuti. Hojii saafuu ummata keenyaa iddootti deebisuun, hariiroo namaafi umamaa haaromsuuti. Gabaabumatti, sagantaan Ashaaraa Magariisaa ce’umsa biqiltuu dhaabuu irraa gara dammaqiinsa eegumsa qabeenya umamaa, bulchiinsa sirna-ikkoo umamaafi ijaarsa egeree waaraatti taasifamaa jiruudha.
Dhumarrattis, fakkeenyummaa hawaasni keenya waggoota darban agarsiiseef ulfinan qabu ibsuun barbaada. Bara kanaas kakaasii alaa malee caalaatti aadeffatee bahuun ce’umsa duula dhaabbii biqiltuu irraa gara bulchiinsa sirna-ikkoo umamaatti taasifamaa jiru sadarkaa amansiisaa irraan akka gahu amantaa guutuun qaba.