Dhiibbaa qabeenya qilleensaa hir’isuun hirmaannaa biyyoota hundaa gaafata – Pireezidaanti Rajiib Xaayiib Erdogaan

Finfinnee, Sadaasa 2, 2019 (FMC) – Dhiibbaa qabeenya qilleensaa hir’isuun hirmaannaa biyyoota hundaa gaafata jedhan Pireezidaantin Turkiyyee Rajiib Xaayiib Erdogaan.

Yaa’iin Qabeeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 31ffaan Turkiyyee Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira.

Waliigaltee Paariis bu’uura godhachuun deeggarsi Faayinaansii jijjiirama qabeenyaa qilleensaaf taasifamu dabalaa dhufu ibsan Pireezidaanti Rajiib Xaayiib Erdogaan yaa’icharratti ergaa dabarsaniin.

Addunyaan sodaa jijjiirama qabeenyaa qilleensaa guddaaf saaxilamuu kaasuun, filannoon jiru lama qofa, dhaabbatanii haala jiru simachuu yookaa hojjetanii qolachuudha jedhan.

Turkiyyeen waadaa jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf galte gara qabatamaatti jijjiiruuf tattaaffii taasisaa jiraachuu dubbatan.
Gadi lakkifama Kaarbanii hir’isuuf ce’umsa ashaaraa magariisaaf dursa kennitee hojjetaa jiraachuu ibsan.

Imaammata itti fayyadama anniisaa fooyyessu hojiirra oolchaa akka jirtus eeraniiru.

Dandeettii anniisaa Elektirikaa maddisiisuu Turkiyyee keessaa qoodni anniisaa haaromuu % 60 qaqqabuu ibsan.

Jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuun qooda qaama tokkoo qofa akka hin taane hubachiisuun, biyyoonni tumsaan akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.

Miikiyaas Ayyaalaatiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment