Dhimmi nageenya Sudaan dhimma biyyoota ollaa hundaati

Finfinnee, Sadaasa 16, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Sudaan ollaa qofa miti; uummata obbolaa carraa fi egeree waliinii qooddatanidha.

Uummattootni lamaan laga Abbayyaan walitti hidhamaniiru; daangaan immoo uummattoota lamaan addaan qooda.

Garuu dhugaawwan lamaan kun ergaa tokko qabu.
Biyyoonni lamaan daangaa Kiiloo meetira 700 dheeratu waliin qoodatu.

Daangaan kun garuu dallaa ta’ee hin beeku, karra walitti ce’aniidha, Magalaan Matammaa fi Galaabaat magaaloota ollaati, Daldalaan, qonnaan bulaan guyyaa guyyaan walitti ce’uun waliin jiraatu.

Abbayyaan Gaarreen Itiyoophiyaa irraa ka’ee Sudaan wayita qaxxaamuru, seenaan waloo biyyoota lamaanii waliin imala.

Muuziqaanis walitti hidhamiinsa kanaaf ragaa baha.

Muuziqaan biyyoota lamaanii walitti dhiyeenya aadaa fi muuxannoo waliinii qaba.

Yeeddaloon isa tokkoo gurra isa biroof keessummaa miti.

Yeeddaloon kun daangaaa hinqabu, ummata walitti fida.

Itiyoophiyaan nageenya Sudaan waaressuu keessatti gaheen qabdu haaraa miti.

Bara waliigaltee ce’umsaa 2019 irraa eegalee jaarsummaa taa’uu kaasee hanga Sadaasa 2023tti gaheen Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad taphatan hin dagatamu.

Akkasumas, Itiyoophiyaan lammiilee Sudaan kanneen sababa waraanaan buqqa’an simatteetti.

Kaleessa ammo boqonnaa haaraa eegalteetti.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad humnoonni Sudaan hundi gara waltajjii mariitti akka dhufan waamicha nageenyaa dhiyeessan.

Waraana Sudaan waggoota afur lakkoofsise dhaabsisuu fi furmaata waaraa fiduuf akeeke humnoota siyaasaa, loltummaa fi siviiliif waamicha nageenyaa ifatti dhiheessan.

Itiyoophiyaan lammiileen Sudaan fedhiisaaniin waltajjii marii hunda galeessa nageenya waaraa itti fidan keessummeessuu fi mijeessuuf qophii ta’uushee mirkaneessaniiru.

Lammiileen Sudaan carraa egeree isaanii kan ittiin murteessan waltajjii marii hunda galeessa qopheessuu fi gaggeessuuf Itiyoophiyaan qophii ta’uushee ibsan.

Itiyoophiyaa fi Sudaan obbolummaa daangaa ce’e, walitti hidhaminsa hawaasummaa fi aadaa, akkasumas hariiroo seena qabeessa bara dheeraa waliin qabaachuu himan.

Carraan egeree Sudaan lammiilee Sudaaniin qofaan kan murteeffamu ta’uu yaadachiisan.

Kaayyoon waamichichaa boqonnaan waraanaa cufamee mootummaan hunda hammate akka hundaa’u bu’uura kaa’udha.

Nageenyi Sudaan, Nageenya Itiyoophiyaati, tasgabbiin Sudaan kan Itiyoophiyaati ergaa jedhu qaba.

Sudaan, Ministiroonni Dhimma Alaa Sudaan, Ijiptii fi Eertiriyaa Asiwaanitti walga’anii Birmadummaa fi Tokkummaa Sudaan akka deeggaran ibsan.

Yaada tokkummaa fi birmadummaa irratti ka’u Itiyoophiyaanis ni qooddatti; garaagarummaan jiru garuu karaa ittiin yaadni kun hojii irra oolu irratti qofa.

Nageenyi Sudaan Magaaloota gurguddoo sadi qofatti kan daangeffamuu miti, biyya ollaa mariirraa looguun nageenya fiduu hin danda’u.

Nageenyi dhimma qaama tokko qofaan murtaa’uu miti, adeemsa qaamolee dhimma ilaallatu hunda hirmaachisuu gaafatuudha.

Itiyoophiyaan harka ishee ummata Sudaaniif kan diriirsite, hariiroo dhiigaa daangaa qaxxaamuree jiru; muuziqaa fi laga Abbayyaa isaan walitti hidhu waan qabuufi.

Sudaan nagaa argachuu qabdi, nageenyi ishees ummattoota ishee fi ollaawwan hunda karaa hirmaachiseen dhufa.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment