Ameerikaan loltoota hedduu Giddugala Bahaatti bobbaafte

Finfinnee, Sadaasa 7, 2019 (FMC) – Ameerikaan Doonii Xiyyaara baatu dabalatee loltoota hedduu Giddugala Bahaatti bobbaafte.

Doonii Xiyyaara baatu dabalatee loltoonni kuma 9 – 10 ta’an Giddugala Bahaatti bobbaafamuu Ministeerri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa ibseera.

Dooniin guddaan ‘USA Teewoor Ruuzveelti’ jedhamu Buufata Saandiyaagoo gara Giddugaleessa Bahaatti imalaa jiraachuu hime.

Dabalataan dooniwwan waraanaa, jeettiwwan, Humni Galaanaa fi loltoonni lafoo, akkasuma ogeeyyiin doonii hanga xumura Baatii Sadaasaatti naannawichatti kan bobbaafaman ta’uu beeksise.

Bobbiin waraanaa kun kan jalqabame, Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traampi filannoo giddu-galeessaa Ameerikaa erga xumuramee booda Iraan irratti haleellaa haaraa raawwachuu akka danda’an dubbachuu isaanii hordofee ta’uu ‘Arab News’ gabaasera.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment