Dhukaasa pirezidaanti Tiraampi irratti qiyyaafate

Finfinnee, Ebla 18, 2018 (FMC)- Afeerraa irbaataa Waayit Haawusitti gaazexeessitootaaf qophaa’e irratti dhukaasni baname pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi irratti kan qiyyaafate dha jedhameera.

Namni dhuunfaa kool Toomaas jedhamu Kaleessa galgala afeerraa irbaataa gaazexeessitootaa irratti dhukaasa banuun to’annoo jala ooluu isaa miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.

Afeerraa Hooteela Hiiltanitti qophaa’e kana irratti afeeramaa kan ture Shakkamaan kun “shugguxii “, albeefi meeshaalee biroo qabatee akka ture poolisiin beeksiseera.

Dhukaasni yoo banamu pirezidaanti Tiraampi qaamolee nageenyaan dafanii waltajjicha irraa kan baafaman yoo ta’u, sagantichis yeroo biraatti darbeera.

Haleellaan kun pirezidaanti Tiraampi irratti kan qiyyaafate akka ture shakkamaan dhukaasa bane kun qorattootatti himeera jedhameera.

Kanaan dura yaaliin ajjeechaa irra deddeebiin kan irratti aggaamame pirezidaanti Tiraampi, yeroo sochii filannoo geggeessaa turanitti kutaa bulchnsa Peensiilveeniyaatti kan irratti aggaamame garuu harka isaanii mirgaa irraan miidhaa kan geessise ta’uun ni yaadatama.

Biraanuu Abarraatiin

Comments (0)
Add Comment