Dooktar Abiy Ahimad boru Paarlaamaaf ibsa ni kennu.

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad boru gabaasa raawwii hojii mootummaa bara 2018 Mana maree Bakka Bu’oota Uummataaf ni dhiyeessu.

Akkaataa Heera Mootummaa keeyyata 55 keeyyata xiqqaa 17 fi danbii hojimaataa fi naamusa miseensota mana marichaa lakk.6/2008 keeyyata 81 keeyyata xiqqaa 1 fi 3’n Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Ministira Muummee fi hoggantoota mootummaa federaalaa biroo gaaffiif waamuu fi hojimaata qaama hoji-raawwachiiftuu qorachuu, hordofuu fi to’achuuf aangoo ni qabaata.

Bu’uuruma kanaan Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa 6ffaan bara hojii isaa 5ffaan Kibxata Waxabajjii 30, 2018 walga’ii idilee 30ffaa geggeessu irratti Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad argamuun gabaasa raawwii hojii mootummaa bara 2018 fi Baajata waggaa bara 2019 irratti gaaffilee miseensota mana marichaa irraa kaa’aniif deebii fi ibsa akka kennan ibsi Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Faanaa Dijiitaaliif erge ni mul’isa.

Haaluma walfakkaatuun, wixinee baajata Koree Dhaabbii Dhimmoota Karooraa, Baajataa fi Faayinaansii Mana Marichaa bara 2019 ilaalchisee gabaasa dhiyaatuu fi yaada murtoo qorate labsii baajatichaa akka raggaasisu ni eegama.

Walga’icha irratti keessummoonni afeeraman, Ambaasaaddaroonni biyyoota adda addaa fi Bakka bu’oonni dhaabbilee idil addunyaa, abbootiin amantii, namoonni beekamoo fi hoggantoonni paartilee morkattootaa kan argaman yoo ta’u, walga’ichi ganama sa’aatii 2:30 irraa eegalee kallattiin akka tamsa’u ibsichi eerera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment