Finfinnee, Caamsaa 3, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Daayrektara Olaantuu Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa(IMF) Kiristaaliinaa Joorjiyeevaa waliin mari’ataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Daayrektara Olaantuu Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa Kiristaaliinaa Joorjiyeevaa waliin guddina diinagdee, tumsaa fi dhimmoota waloo dursi kennamuuf irratti bal’inaan mari’anneerra jedhan.
Yaada faayidaa qabeessaa waljijjiirreefi tumsa itti fufiinsa qabuuf galatni koo guddaadha jechuunis ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia