Dooktar Abiy Ahimad hojiilee Komishinaroonni Komishinii Maree Biyyaaleessaa hanga ammaatti hojjetan galateeffatan

Finfinnee, Caamsaa 7, 2018(FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hojiilee Komishinaroonni Komishinii Maree Biyyaaleessaa hanga ammaatti hojjetan galateeffataniiru.

Komishinaroonni Komishinii Maree Biyyaalessaa Adeemsi Maree Biyyaalessaa gara fuuldurratti akka tarkaanfatu obsaa fi namuusa ogummaan hojiilee hanga ammaatti hojjetaniif galata guddaan qaba jedhan Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Aadaan marii biyyoota akka Itiyoophiyaaf daran murteessaa ta’uu ibsan.

Aadaan Hawaasa Siiviilii cimaa ijaaruu ammoo muuxannoo waliin mari’achuu fi obsaan wal dhaggeeffachuu barbaada jedhan.

Adeemsa hanga ammaatiin hawaasni sadarkaan jiru waldhaggeeffachuun faayidaa olaanaa qabaachuu hubanneerra.

Adeemsichaan lammiileen Itiyoophiyaa kallattii hundatti argaman % 90 ol ta’an maricharratti hirmaachuun yaada isaanii calaqqisiisaniiru.

Adeemsi marii marsaa murteessaa gara boqonnaa itti aanu bu’aa qabatamaa argamsiisutti yeroo ce’u, qooda fudhattoonni hundinuu biyya keenyaaf nageenya, tokkummaa fi tasgabbii waaraa mirkaneessuuf kutannoo waloo fi Karaa ijaarsa qabuun gumaachuu qabu.‎

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment