Finfinnee, Sadaasa 14, 2019 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Konfiraansii Fayyaa Hawaasaa Afrikaa 5ffaarratti hirmaachaa jiru.
Magaalaa giddugala diippiloomaasii Afrikaa kan taate Finfinneen wayita ammaa konfiraansii fayyaa hawaasaa Afrikaa 5ffaa keessummeessuun giddugala carraa egeree Afrikaa taateetti.
Konfiraansichi mata duree “ nageenyi fayyaa Afrikaa fi birmadummaan ,hirkatummaa fayyaa fi saaxilamummaa gara Abbummaa fi Cichoominaatti Ceesisuu” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Konfiraansicharratti dureewwan biyyootaa, hogganttoonni olaanoo ,ogeyyiin fayyaa hawaasaa akkasumas keessummoonni waamichi taasifameef mul’ata fayyaa Afrikaa fuulduratti tarkaanffachiisuuf bakka argama dhala namaa Itiyoophiyaatti argamaniiru jedhe Waajjirri Ministeera Muummee.