Itiyoophiyaan miseensa mana maree dhaabbata Siiviil Aviiyeeshinii Idil Addunyaa ta’uun filatamuu hordofee gamtaan Afrikaa baga gammaddan jedhe

Finfinnee, Sadaasa 13, 2019 (FMC) -Itiyoophiyaan miseensa mana maree dhaabbata Siiviil Aviiyeeshinii Idil Addunyaa ta’uun filatamuu hordofee Gamtaan Afrikaa ergaa baga gammaddanii dabarseera.

Yaa’ii Idilee 43ffaa Dhaabbata Siiviil Aviiyeeshinii Idil Addunyaa Kaanaadaa Moontiriyaalitti gaggeeffameen Itiyoophiyaan sagalee olaanaan miseensa mana marichaa ta’uun filatamuun kan yaadatamuudha.

Itiyoophiyaan miseensa mana marichaa ta’uun filatamuun ishee Afrikaaf milkaa’ina guddaadha jedhan Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Maahaammud Alii Yuusuuf ergaa baga gammaddanii dabarsaniin.

Komishiniin Siiviil Aviiyeshinii Afrikaa Itiyoophiyaan miseensa ta’uun akka filatamuuf gumaacha taasise galateeffataniiru.

Gamtaan Afrikaa walitti hidhamiinsa geejjiba qilleensaa cimsuuf akka hojjetu ibsaniiru.

Kana malees, Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota miseensa Gamtaa Afrikaa hunda waliin tumsa taasisuun, gabaan geejjiba qilleensaa ardii Afrikaa akka hojiirra ooluuf Gamtaan Afrikaa hojjechaa akka jiru mirkaneessaniiru.

Comments (0)
Add Comment