Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Baarbedoos waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 2, 2019 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii COP 31 cinatti Ministira Muummee Baarbedoos Miiyaa Mootilii waliin Dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Yaa’ii COP -31 cinatti Ministira Muummee Baarbedoos Miiyaa Mootilii waliin tumsa biyyoota lameen gidduu jiruurratti mari’aneerra jedhan.
‎
Tumsa Ayiveeshinii fi tumsa Pireezidaantummaa COP 32 Itiyoophiyaa deeggaruuf michummaa taasifamuu irrattis mari’achuu ibsaniiru.

Akkasumas fedhii waloo biyyoota lameenii bu’uura godhachuun hariiroo gamlamee caalmaatti babal’isuu fi dhimmoota waloo dursi kennamuuf gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruuf marii bu’aa qabeessa taasisuu Dooktar Abiy Ahimad eeraniiru.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment