Itiyoophiyaan Miseensa Inniisheetivii Maallaqaa Tumsa Humna Qulqulluu Idil-addunyaa Taate

Finfinnee, Sadaasa 1, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan Inniisheetivii Maallaqaa Tumsa Humna Qulqulluu Idil-addunyaa (GCPA) keessatti miseensa taateetti.

Itiyoophiyaan Inniisheetivii Maallaqaa kana keessatti hirmaachuun tumsa damee humna qulqulluufi invastimantii dhuunfaa walitti qabuuf taasifamu cimsuu fi qophii yaa’ii COP32 keessummeessuuf taasistuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsameera.

Inniisheetiviin Maallaqaa kun Itiyoophiyaa fi Giddugala Annisaa Gamtaa Biyyoota Kibba Baha Eeshiyaa (ASEAN) miseensota haaraa ta’anii simachuu isaa beeksiseera.

Inniisheetiviin Maallaqaa Tumsa Humna Qulqulluu Idil-addunyaa kun karoora sirna elektirikii Itiyoophiyaa cimsuu, pirojektoota dursi kennamuufii qabu kan akka raabsa humna elektirikii fi invastimantii babal’isuuf gargaaran fooyyessuu, akkasumas maallaqa invastimantii dhuunfaa hawwachuuf kan gargaaruu dha.

Itiyoophiyaan keessummeessituu COP32 ta’uu isheen miseensa ta’uun ishee kan ibsame yoo ta’u, Inniisheetiviin kun dinagdeen guddachaa jiran fi gabaan isaanii guddachaa jiru ce’umsa gara humna qulqulluutti taasifamuuf maallaqa invastimantii dhuunfaa akka walitti qaban deeggaruuf kan hundaa’e ta’uun eerameera.

Comments (0)
Add Comment