Finfinnee, Onkololeessa 4, 2019 (FMC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa Dooktar Fitsuum Asaffaan Ittaanaa Daayirektera Olaanaa Dhaabbata Misoomaa fi Tumsa Diinagdee Idil Addunyaa Firaantiisheek Ruuziichikaa waliin mari’ataniiru.
Hammattoo tumsaa fi hariiroo michummaa Itiyoophiyaa fi dhaabbaticha gidduutti jiraachuu qabu ilaalchisee mari’ataniiru.
Fooyyessi imaammataa raawwatame murtii ragaa irratti hundaa’uun kennuu fi sirna ragaa irratti hundaa’e qabaachuuf gahee murteessaa akka qabu kaasan Dooktar Fitsuum.
Itiyoophiyaan sirna qabiinsa ragaa caalmaatti cimsuuf hojjetaa jiraachuu himuun, tumsi dhaabbaticha waliin taasifamus kanuma cimsuuf kan gargaaru akka ta’e eeran.
Ittaanaa Daayirektera Olaanaa Dhaabbata Misoomaa fi Tumsa Diinagdee Idil Addunyaa Firaantiisheek Ruuziichikaan gama isaaniin, imala guddina diinagdee Itiyoophiyaa dinqisiifachuun, dhaabbanni isaanii Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessan.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa