Ijipti, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka hin argannee fi lageen isheetti akka hin fayyadamne barootaaf hojjetaa turte – Obbo Juunayiddiin Saadoo

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2019 (FMC) – Ijipti, Itiyoophiyaan Ulaa Galaanaa akka hin argannee fi lageen isheetti akka hin fayyadamne barootaaf hojjetaa turte jedhen Pireezidaantiin duraanii Naannoo Oromiyaa Obbo Juunayiddiin Saadoon.

Ijipti, Itiyoophiyaan Karra Galaanaa akka hin argannee fi qabeenya bishaanii ishee bilisummaan akka hin fayyadamne waggoota 100 oliif dhiibbaa uumaa turuu ishee ibsan.

Itiyoophiyaan diinagdee ishee yoo guddiftee fi siyaasa tasgabbii qabu ijaaruu yoo dandeesse Abbayyaa caalmaatti misoomsuu dabalatee Piroojektoota guguddoo fayyadamuu akka dandeessu ibsan.

Ijipti shira garaagaraa xaxuun Itiyoophiyaan Ulaa Galaanaa akka hin arganne barootaaf dhama’aa turuu fi ammas hojjetaa jiraachuu kaasan obbo Juunayiddiin turtii EBC waliin taasisaniin.

Itiyoophiyaan biyya qabeenya kuufamaa fi dandeettii misoomsuu qabdu ta’uu eeruun, yeroo ammaa qormaatilee fi garaagartee keessoo hiikuun xiyyeeffannoo ishee gara misoomaa yoo taasifte imala badhaadhinaa eegaltee yeroo gabaabaa keessatti akka milkeessitu dubbatan.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment