Finfinnee, Sadaasa 5, 2019 (FMC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa fi Mariisiftuu Olaantuun COP32 Dooktar Fitsuum Asaffaan hoggantoota damee tola ooltummaa idil addunyaa waliin mari’ataniiru.
Tumsa imala Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 32ffaarratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.
COP 32’n carraa murteessaa tumsa qaamolee garaagaraa cimsuu fi tarkaanfiiwwan eegumsa jijjiirama qilleensaa akkasumas misoomni karaa qindaa’een hojiirra oolchuun akka danda’u ibsa taasiisaniiru.
Tumsitoota deeggarsa taasisaa jiran galateeffachuun, dameen tola ooltummaa qophii yaa’ichaa qofaaf osoo hin taane, bu’aawwan mariiwwanii gara tarkaanfiiwwan qabatamaa fi carraawwan invastimantiitti jijjiiruun keessatti akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa