Finfinnee, Sadaasa 4, 2019 (FMC)- Gareen Seeraan alaa ABUT diinoota seenaa waliin ta’uun Itiyoophiyaa waraaneera jedhan Itaamaajoor Shumiin Humna Waraanaa Itiyoophiyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan.
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan, Magaalaa Maqaleetti ,abbootii amantaalee, Jaarsolii biyyaa, dargaggootaa fi kutaalee hawaasaa waliin mari’ataniiru.
Fiildi Maarshaal Birhaanuun wayita kana akka jedhanitti, gareen seeraan alaa ABUT gara bal’ina Mootummaa Federaalaan irra deddeebiin carraan nageenyaa kennameefira.
Garichi haleellaa raawwachuun Raayyaa Ittisa biyyaarratti gocha badii raawwateera jedhan.
Gareen seeraan alaa ABUT Shaabiyaa fi Ijipti waliin waliin ta’uun Itiyoophiyaa waraanuu eeruun, diinoonni seenaa Tsimdoo ‘hundeessuun imalli Itiyoophiyaa diiguuf taasisan jalaa fashalaa’uu dubbatan.
Kaayyoon marichaa naannoo Tigraayitti nageenya waaraa uumuun waloon hojjechuu haalota dandeessisan uumuuf ta’uu kaasuun, nageenya waaraa mirkaneessuuf tattaaffiin qindoomina qabu kan barbaachiisu ta’uu eeraniiru.
Jiraattonni magaalaa Maqalee gamasaaniin, fedhiin isaanii nagaa, tasgabbii fi badhaadhina ta’uu ibsaniiru.
Naannichatti tajaajiloonni addaan citan akka deebi’an,bu’uuraaleen misoomaa barbaada’an akka ijaaraman, dargagootaaf carraan hojii akka uumamuufi lammiileen nagaan bahanii akka galaniif mootummaan hojiilee eegale akka cimsu gaafataniiru.
Keessattuu miindaan hojjettoota Mootummaa kaffalamuu fi bu’uuraaleen misooma midhaman deebi’anii ijaaramuutti gammaduu ibsaniiru.
Gizaachoo Girmaayeetu gabaase.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa