Finfinnee, Sadaasa 10, 2019 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa fi Pireezidaantiin COP32 Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos, Pireezidaantii marii COP 31 Kiiris Boowan waliin mari’ataniiru.
Dooktar Geediyoon ga’umsa hoggansaaPireezidaantiin Marii COP31 agarsiisaan dinqisiifachuun, iftoominaa fi adeemsa hammataa, murtii jalqabaa (Cover Decision) irratti wixinee dursee gadhiifamuu isaa fi bu’aan hanga ammaatti galmaa’e gaarii ta’uu ibsan.
Itiyoophiyaan bu’aa milkaa’aa galmaa’eef deeggarsa qabdu irra deebi’uun mirkaneessuun, COP31 bu’aa cimaa fi iftoomina qabuun xumuramuun COP32’f bu’uura akka ta’u abdii qabaachuu himan.
Pireezidaantii marii COP 31 Kiiris Boowan gama isaaniin, Itiyoophiyaan ajandaa hojii irra oolmaa elektiriifikeeshiniif deeggarsa taasisteef galateeffatanii, deeggarsa kana bu’aa qabatamaa ta’etti jijjiiruuf kutannoo qabaachuu ibsan.
Awustiraaliyaan milkaa’ina COP32’f tumsa barbaachisu taasisuuf qophii ta’uu mirkaneessan.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa