Godinichatti facaasaan qamadii Jallisii Bonaa eegalame

Finfinnee, Sadaasa 10, 2019 (FMC) –Godina Kibba Bahaa Oromiyaa Aanaa Gadab Asaasaatti facaasaan qamadii Jallisii Bonaa eegalameera.

Itti Aanaan Itti Gafatamaa Wajjiraa Qonnaa fi Itti Gafataaman Damee Qonnaa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa Ibraahiim Qaasoon Misoomni qamadii jallisii bonaa aadaa hojii qonnaan bultootaa jijjiiruufi badhaadhina maatii dhugoomsuu keessatti gahee olaanaa qabaaachuu ibsaaniru.

Godinichatti Qamadii jallisii bonaatiin lafa hektaara Kuma 700 ol qotuun callaa kuntaala miliyoona 33 ol argachuuf karoorfachuu dubbatan.

Qonnaan bultoonni misooma qamadii jallisii bonaa irratti bobba’uun hojjechaa jiranis waggaatti si’aa 2 fi sana ol oomishaa qamadii irratti boba’anii carraa mootummaan uumeetti fayyadamuun jireenya isaanii fooyyessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsan.

Feenaan Nuguseetiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment