Finfinnee, Sadaasa 10, 2019 (FMC) – Misoomni Koriidarii Qulqullinni magaalaa, kabaja dhala namaa, sirna hawaasummaa fi dandeettii rakkoo naannawaa dandamachuuf fakkeenya guddaa ta’eera.
Sosochii dinagdee guddisuu, carraa hojii uumuu, tajaajila hawaasummaa fooyyessuu fi naannoo jireenyaa lammiileef mijataa ta’e uumuu, magaalonni Itiyoophiyaa jireenyaaf, daldalaaf akkasumas Invastimantiif mijatoo akka ta’an gochuuf carraaqqiin taasifamaa jira.
Ilaalchi misooma magaalaa Mootummaa Ida’amuu, magaalonni wiirtuu carraa hojii uumuu, daldalaa, beekumsaa, aadaa, dhaabbilee fi wiirtuu oomishtummaa carraa hojii akka ta’an taasisaa jira.
Kunis guddina lakkoofsa uummataa gara fuulduraa, taateewwan jijjiirama qabeenya qilleensaa fi fedhiiwwan bu’uuraalee misoomaatiif haala itti fufiinsa qabuun deebii kennuuf yaadamee karooraan kan qophaa’edha.
Hojiiwwan misooma koriidarii kanaan dura Finfinneetti ifooman bu’uura godhachuun, ammas misooma koriidarii lafa hektaara 57 uwwisu ifatti hojii eegaleeera.
Kunis Boolee Madani’aalemiin Golaagoli irraa hanga Embaasii Ingilizii, Boolee Madani’aaleerraa hanga Mo’eenkoo, Mana Barumsaa Boolee irraa hanga Gandaa Moodeelaa Adeey Ababaa, Hoteela Impeeriyaal irraa hanga Paarkii Shaalaa, Chichiniyaa irraa hanga Boolee Ruwaandaa, Istaadiyeemii Adeey Ababaa irraa hanga Daandii Boolee akkasumas daandiiwwan keessoo kan hammateedha.
Pirojektichi misooma magaalaa magariisaa fi ammayyaatiif ulaagaa haaraa ta’aniiru.
Daandiiwwan ammayyaa, daandiiwwan lafoo bal’aa, sararoota biskileetii, bu’uuraalee misoomaa lafa jalaa fi buufataalee konkolaattota elektirikiitti chaarjii itti godhan kan of keessaa qabudha.
Iddoowwan dhaabbii konkolaataa konkolaattota kuma 5 ol dhaabuu danda’an, manneen barumsaa haaromfaman, manneen kitaabaa, iddoowwan taphaa, dirreewwan ispoortii, kaaffeewwan, restooraantotaa fi pilaazaawwan kan hammateedha.
kunis kabaja namoomaa fi qulqullina jireenyaa wiirtuu ijoo misooma magaalaa taasiseera jedhan.
Hojiin ijaarsa bu’uuraalee misoomaa olidha jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.
Qaama mul’ata bal’aa egeree Finfinnee fi magaalota Itiyoophiyaatiif wixineeffameeti jechuun ibsan.
Kunis oomishtummaa, hammattummaa, magariisummaa fi misooma hin raafamne kan hammatedha; raawwiin isaas fedhii uummata keenyaa fi hawwii dhaloota dhufuu irratti kan xiyyeeffatedha jedhan.
Waliigala, yeroo ijaarsaa pirojektichaa lammiileen kumni 23 carraa hojii argataniiru.
Gara fuulduraattis namoota kuma 10’f carraan hojii dhaabbataa ni uumama.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa