Dooktar Maqdas Dhaabaan Ayyaana Masqalaa sababeeffachuun maaddii qoodan

Finfinnee, Fulbaana 17 ,2019 (FMC)- Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan Ayyaana Masqalaa sababeeffachuun Maaddii qoodaniiru.

Sagantichi dhaabbata tola ooltummaa Baabuul Keeyiri fi wal’anamtootaa fi hawaasa Hoospitaala yaadannoo Raas Dastaa waliin kan gaggeeffameedha.

Dooktar Madqas Dhaabaan daa’imman har’a dhalataniifi haadholii daawwachuun,oggeeyyii fayyaa hojiirra jiran jajjabeessaniiru.

Dooktar Maqdas wayita kana waliingahiinsa tajaajila fayyaa guddisuurra darbee qulqullina isaa olguddisuuf hospitaalota Mootummaattis babal’isuuf bal’inaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Comments (0)
Add Comment