Finfinnee, Onkololeessa 26, 2019 (FMC) – Tajaajila fayyaa waliin gahuun fayyadamummaa lammiilee haqa qabeessa mirkaneessuuf ni hojjetama jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan.
Waltajjiin gamaaggama waloo sektera fayyaa Ministeera Fayyaafi Biirolee Fayyaa Naannolee magaalaa Hoosaa’inaatti gaggeeffamaa jira.
Dooktar Maqdas Dhaabaa wayita kana, hojiileen tajaajila fayyaa waliin gahuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.
Damee fayyaan rakkoolee mul’atan furuun uummanni tajaajila barbaachisaa akka argatuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uus eeraniiru.
Sirna fayyaa fooyya’aa dhalootaaf darbu ijaaruuf qindoominni hoggansaa murteessaa ta’uus hubachiisuu isaanii ENA’n gabaaseera.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa