Doonaald Tiraampi torbee kana gara Chaayinaa imaluufi

Finfinnee, Caamsaa 3, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi torbee kana daawwannaa hojiif gara Chaayinaa kan imalan ta’uu dubbatan.

Kun Waggoota kurnan booda Pireezidaantii Ameerikaa aangorra jiru Chaayinaa daawwatan jalqabaa kan isaan taasisu yoo ta’u, Beejingis daawwannaa Pireezidaantichaa mirkaneesseera.

Turtii isaaniin Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiingi waliin ni mari’atuun eegama.

Itti Gaafatamtoonni dhaabbata Booying, Siitii Giruuppii fi Kaalkoom Tiraampi waliin gara Chaayinaa kan imalan ta’uutu gabaafame.

Daawwannaan kun muddama Taarifaa Waashingitanii fi Beejingi gidduu jiru akka tasgabbeessu BBC’n gabaaseera.

Doonaald Tiraampi Roobii dhufuu eegalee guyyoota lamaaf Beejingi turu jedhame.

Abeel Nawaayiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment