Finfinnee, Caamsaa 16, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi marii Iraan waliin taasifamu irratti gareen mariisistootaa isaanii akka tasgabbaa’an hubachiisaniiru.
Doonaaldi Tiraampi mariin Iraan waliin taasifamu haala qindaa’aafi furmaata argamsiisuu danda’uun gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Waraana gaggeeffamaa jiru dhaabuufi ulaa Hoormuuz bansiisuu dabalatee dhimmoota hedduurratti mariin godhamuu eeraniiru.
Amma yeroon kan keenya, kanaaf ariifachuu hin barbaachisu jechuunis garee mariisistootaa isaanii hubachiisaniiru.
Doonaaldi Tiraampi waliigaltee kanarratti Iraan waliin marii bal’aan taasifamuu ibsuun, bal’inni isaa yeroo dhiyootti ni ifooma jedhan.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Ismaa’el Baagaay, mariin Ameerikaa waliin godhamaa jiru walitti dhiyeenya uumaa jiraachuu tibba darbe ibsuun isaanii kan yaadatamudha.
Birhaanuu Abarraan.
#Oromia #Ethiopia