Dooniwwan Ulaa Hoormuuziin gara Iraan imalaa turan 38 kallattii jijjiiran

Finfinnee, Ebla 19, 2018(FMC) – Uggura Ameerikaan Ulaa Hoormuuziin gaggeessaa jirtu hordofee Dooniwwan Ulaa Hoormuuziin gara Iraan imalaa turan 38 kallattii jijjiiruu ibsame.

Duula Waraanni Giddugaleessa Bahaa Ameerikaa qarqara Galaanaa Ulaa Hoormuuzitti gaggeessaa jiruun Dooniwwan Ulaa Hoormuuziin gara Iraan imalaa turan 38 kallattii akka jijjiiraan taasifamuu eerame.

Suuraa socho’aa ajajichi qoodeen Dooniwwan gara Iraan darbuuf imala eegalan Dooniwwanii fi Heeliikoptaroota waraanaa Ameerikaan wayita dhorkaman mul’ataniiru.

Iraan hanga gara mariitti deebituutti dhorkichi cimee kan itti fufu ta’a jedhame.

Dhorkaa Ameerikaan ulicharratti gaggeessaa jirtu hordofee gatiin boba’aa guyyaa gara guyyaatti daran dabalaa jiraachuu ibsame.

Sababa kanaan biyyoota miseensa ‘Neetoo’ dabalatee biyyoonni hedduun Ameerikaa komachaa jiraachuu gabaasni ‘Voice of Emirate’ ni mul’isa.

Dhimmicha ilaalchisee bulchiinsi Pireezidaanti Doonaald Tiraampi har’a ibsa kan kennu yoo ta’u, murtoon Ulaa Hoormuuz irratti kennamu akkaan eegama.

Miikiyaas Ayyalaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment