Finfinnee, Adoolessa 30, 2018 (FMC) – Dursaan garee biyyaalessaa Yuugaandaa fi taphataan kilaba ‘SC Villa’, Daviid Owoorii, haleellaa saamtoonni irratti raawwataniin lubbuun isaa darbeera.
Taphataan sarara giddugaleessaa umurii waggaa 27 kun magaalaa guddoo biyyattii Kaampaalaatti haleellaa isa irra gaheen lubbuun isaa darbuu Poolisiin Yuugaandaa mirkaneesseera.
Ajjeechaan taphataa kana irratti raawwatame uummata biyyattii irratti rifannaa fi gadda guddaa uumeera.
Poolisiin namoota yakka kana raawwatan qabuuf qorannoo fi barbaacha cimaa gaggeessaa jiraachuu ibseera.
Waldaan Kubbaa Miilaa Yuugaandaa ibsa baaseen, Daviid Owoorii kubbaa miilaa biyyattii keessatti hogganaa cimaa fi dhaloota itti aanuuf fakkeenya gaarii kan turee dha jecdeera.
Haaluma wal fakkaatuun kilabni ‘SC Villa’ ibsa baaseen, “Taphataa qofa osoo hin taane, hoogganaa keenyas dhabneerra,” jechuun gadda guddaa itti dhagaʼame ibseera.
Abeel Niwaay’n
#Oromia #Ethiopa