Ergaa Waajjira Ministira Muummee

Misoomni Koriidarii Baadiyyaa madaalamuu kan qabu bu’uuraalee misoomaa ijaaraman qofaan osoo hin taane, fooyya’iinsa jireenya lammiileerratti argamsiseerratti hundaa’eeti.

‎misoomni koriidarii baadiyyaa hojiirra oolmaa isaa adeemsa nama giddugaleessa godhate hordofaa jira.

Kunis walitti hidhamiinsa fooyyeessuu, haala jireenyaa mijataa uumuu fi carraalee diinagdee hawaasa baadiyyaa keessatti babal’isuuf kan akeekedha.

Kaayyoon guddaan galmaa kanaa qabeenya bittinnaa’ee fi addaan ciccite sirreessuun, naannolee baadiyyaa oomishtoota, walitti hidhamiinsa qaban, misooma waaraa qaban, akkasumas jiraachuu fi hojjechuuf hawwataa ta’an ijaaruufi.

Comments (0)
Add Comment