Finfinnee, Fulbaana 28, 2019 (FMC) – Hojiilee karoorfaman hojiitti hiikuun imala badhaadhinaa milkeessuuf haalan qophoofnerra jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa Dooktar Fitsuum Asaffaan.
Waggoottan itti aanan qabeenya kuufamaa Itiyoophiyaan qabdurratti sona dabaluun imala badhaadhinaa karaa guutuu ta’een ni milkeessina jedhan.
Dooktar Fitsuum Asaffaan har’a Ministira Ministeera Maallaqaa ta’uun muudamaniiru.
Yeroo itti aanu keessa waan Itiyoophiyaan nurraa eegdu milkeessuun kaayyoo keenya ijoodha jedhan Dooktar Fitsuum turtii Faanaa Miidiyaa Korporeeshinii waliin taasisaniin.
Ida’amuun fedhii ummataa guutuuf xiyyeeffannoo addaan kan hojjetan ta’uu dubbatan.
Tarsiimoo yeroo itti aanuu keessatti jireenya lammiilee fooyyessuun hojii xiyyeeffannoon hojjetamu ta’uu kaasan.
Gaaffilee ummataaf deebii laachuun, kenniinsa tajaajilaa fooyyesssuun, oomishaa fi oomishtummaa guddisuun, hojiilee dijitaalaayizeeshinii caalmaatti babal’isuu fi oomishaalee albuudarratti sona dabaluun toora xiyyeeffannoo waggoota shanan itti aananii ta’uu ibsan.
Akkasuma damee hawaasummaan tajaajila fayyaa fooyyessuu fi qulqullina barnootaa mirkaneessuurratti hojiilee bal’aa hojjechuuf karoorfamuu himan Dooktar Fitsuum Asaffaan.
Hojiilee kanneen akkaan milkeessuuf haalan of qopheessineerra jedhan.
Siifan Magarsaatiin
#MootummaaIda’amuu