Faayidaa biyyaalessaa hubachiisuun itti gaafatamummaa miidiyaaleeti- TKM

Finfinnee, Caamsaa 14, 2018 (FMC) – Dhugaa fi Faayidaa biyyaalessaa hubachiisuun itti gaafatamummaa miidiyaaleeti jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.

Tajaajilchi ibsa baaseen miidiyaaleen ijaarsa sirna dimookiraasiif bu’uura ta’uu eereera.

Kana malees dhaabbilee diimokiraasii loogii malee tajaajiluuf itti gaafatamummaa qaban ta’uu eeruun, Itiyoophiyaanis qajeeltoo kana heera mootummaan mirkaneessuu kaaseera.

Miidiyaaleen dhugaafi faayidaa biyyaalessaa hubachiisuuf itti gaafatamummaa akka qaban ibsuun, faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessaa tokko filannoodha jedhe.

Sirni diimookiraasii kan ittiin ijaaramu, ce’umsi aangoo karaa nagaa kan taasifamu, hariiroon mootummaafi uummataa fedhii irratti hundaa’e kan itti bu’uureffamu filannoon waan ta’eef miidiyaaleen kana hubannoo keessa galchuun hojjechuu akka qaban hubachiiseera.

Miidiyaaleen filannoo Itiyoophiyaa akkaataa seera Itiyoophiyaa, dhaabbilee seera qabeessa ta’an fi hojimaataan ilaaluufi agarsiisuu qabus jedhe.

Itiyoophiyaan Filannoo Waliigalaa 7ffaa gaggeessuuf guyyoonni ishee hafuu yaadachiisuun, Itiyoophiyaanonnis dandeettii raawwachiisummaa dhaabbataa Filannoo biyyaalessaa 6ffaa irratti hubatan fi shaakala diimokiraasii gaggeessan irraa ka’uun sagalee isaaniin mootummaa isaanii filachuuf galmaa’uu eereera.

Murtoo filachuu uummataa irratti qoodni miidiyaalee olaanaa ta’uu kaasuun, filmaatawwan yaadaa uummata biraan gahuuf akkaataa qajeelfama Boordii Filannoo Biyyaalessaan yeroo qilleensaa paartilee siyaasaaf ramadame dabalataan carraalee dabalataa mijeessuun uummanni odeeffannoo gahaa akka argatuuf miidiyaaleen xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibseera.

Waqtii filannoo odeeffannoowwan sobaa kan itti baay’atan ta’uu yaadachiisuun, dhaabbileefi ogeeyyiin miidiyaalee Itiyoophiyaa dhugaa jiru hubachiisuufi odeeffannoo sobaa saaxiluuf itti gaafatamummaa qabaachuu hubachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment