Finfinnee, Waxabajjii 10, 2018 (FMC) – Akkuma injifannoo lola Adwaa fi ijaarsa Piroojektii Hidha Haaromsaa, sagantaan Ashaaraa Magariisaas sosochii Itiyoophiyaanoota tokkummeessedha.
Qorannoon Dhaabbata Qonnaa Addunyaa bara Faranjootaa 2016 gaggeeffame akka ifoomseetti Itiyoophiyaatti bosonni lafa hektaara kuma 92 ol irraa waggaa waggaan ni cirama.
Bara Faranjootaa 1900 uwwisni bosonaa % 40 ture gara % 3 gadi bu’ee ture.
Kunis iddoolee lafa olka’oorraa biyyoon tooniin biiliyoonni 2 akka dhiqamu sababa ta’eera.
Heektaara tokkorraa biyyoon tooniin 130 dhiqamaa akka ture ragaaleen ni mul’isa.
Kunis oomishaa oomishtummaan akka hir’atu, balaa lolaaf, buqqaatii lammiilee fi dhumaatii bineensotaaf sababa olaanaa ta’eera.
Kana hubannoo keessa galchuun Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bara 2011 sagantaa ashaaraa magariisaa eegalchiisan.
Bara sanaa eegalee sosochii biyyaalessaa ta’uun waggaa waggaan biqiltuuwwan biiliyoonaan lakkaawwaman ni dhaabatu.
Bara 2011 mata duree ‘namni tokko biqiltuu 40’ jedhuun biqiltuuwwna biiliyoona 4.7, bara 2012 mata duree ‘of eeggachaa ni dhaabna’jedhuun biqiltuuwwan biiliyoona 5.9, bara 2013 mata duree ‘Itiyoophiyaa haa uwwisnu’ jedhuun biqiltuuwwna biiliyoona 6.8, bara 2014 mata duree ‘Ashaaraa dhalootaaf’ jedhuun biqiltuu biiliyoona 7.2, bara 2015 mata duree ‘egeree har’a haa dhaabnu’ jedhuun biqiltuuwwan biiliyoona 7.5, bara 2016 mata duree ‘dhaloota dhaabuun biyya cichoomsuu’ jedhuun biqiltuu biiliyoona 7.5, bara 2017 ammoo mata duree’ Dhaabuun bayyanachuu’ jedhuun biqiltuuwwan biiliyoonni 8 dhaabataniiru.
Waliigalaan waggootan torban darban keessa biqiltuuwwan biiliyoonni 48 ol dhaabataniiru.
Kanneen keessaa % 60 qonnaa, % 35 biqiltuuwwan bosonaa fi % 5 ammoo biqiltuuwwan miidhagina magaalaaf oolanidha.
Uwwisni bosonaa bara 2010 keessa % 17.2 ture bara 2016tti gara % 23.6 guddisuun danda’ameera.
Waggoottan darban keessa giddugaleessan lammiileen miiliyoonni 25 dhaabbii biqiltuurratti hirmaataniiru.
Hirmaannaan hawaasaa kunis Doolaara biiliyoona 48 gumaacha taasiseera.
Hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 11.2 ol biqiltuuwwaniin uwwifameera.
Bara 2018 ammoo mata duree ‘abdii haa dhaabnu’ jedhuun biqiltuuwwan biiliyoona 8.5 dhaabuuf duulli dhaabbii eegalameera.
Waliigalaan boqonnaa 1ffaa fi 2ffaan hamma biqiltuuwwan dhaabbatanii biiliyoona 56 qaqqabsiisuuf galmi qabameera.
#Oromia #Ethiopia