Fakkeenya misooma magaalotaa Finfinnee!

Finfinnee, Fulbaana 9, 2019 (FMC) – Finfinneen waggoota dhiyoo as ijaarsi bu’uuraalee misoomaa bal’inaan raawwatte magaalota biroof fakkeenya akka taatu taasiseera.

Magaalaa jiraattota isheef mijattu, ammayyaa fi qulqulluu gochuuf hojiiwwan misooma koridarii bal’inaan hojjetamaniiru.

Kanaanis magaalaa Afrika keessatti magaalota qulqulluu jedhaman 10 keessaa tokko ta’uu dandeesserti.

Finfinneen magaalaa saaxilamummaa balaa gadi aanaa qabdu, nageenyummaan ishee eegameefi jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamattu jedhamuun Afrikaa irraa sadarkaa jalqabaarratti argamti.

Magaalattiin addunyaarraa magaalaa saaxilamummaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamattu jedhamuun magaalaa Ameerikaa Chikaagootti aantee sadarkaa 2ffaa qabatte.

Hojiilee magaalattiin misooma kooriidariifi qarqara lagaan hojjetteen akkasumas bu’uuraalee misoomaa ammayyaa diriirsiteen sadarkaa kanarra taa’uu dandeesse.

Misoomni kooriidariifi qarqara lagaa magaalaa Finfinnee akkaataa Kanaan eegalame magaalattiif sadarkaa idil-addunyaatti beekamtiin akka kennamuuf taasisaa jira.

Akka ragaan Waajjira Kantiibaa magaalattii mul’isutti laggeen magaalattii 8 irratti hojiin misooma qarqara lagaa kiiloomeetira 59 dheeratu hojjetameera.

Laggeen misoomsuun miidhagina dabaluurra darbee faalama laggeenii, balaa lolaafi hanga ho’aa ni hir’isa, akkasumas jiraattotaaf carraa qilleensa qulqulluu argachuufi sosochii qaamaa hojjechuu uuma.

Waggoota shanan darban keessa pirojektoonni kumni 60 ol, akkasumas bara 2018 qofa pirojektoonni kumni 20 xumuramaniiru.

Dabalataanis, hojiiwwan iddoowwan magariisaa babal’isuuf hojjetaman, uwwisa bosonaa % 2.8 ture gara % 24tti ol guddiseera.

Bara 2018 keessa qofa Konfiraasiiwan sadarkaa idil addunyaa 220 ol Finfinneetti taa’amaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment