Finfinnee, Ebla 24, 2018 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaand torbee 35ffaan morkiin Arsenaal Fuulhaam waliin taasisu ni eegame.
Piriimeer Liigii Ingilaandiin har’a taphoonni 4 ni taphatamu.
Waaree boodaa sa’aatii 11:00 eegalee taphoonni 3 kan taphataman yoo ta’u, Bireentifoordi – Weest Haam, Niwuukaasiin – Biraayitan, akkasuma Wolviis – Sandarlaandi waliin taphatu.
Galgala sa’aatii 1:30 jalqabee Maanchiister Siitii waliin morma wal qabee kan jiru Arsenaal morkiin Fuulhaam waliin taasisu ni eegama.
Shaampiyoonaa liigichaa ta’uuf kaka’umsa gahaa qabna jedhan Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan.
Taphoonni arfan hafan hundi murteessaa ta’uu isaaniin tokkoon tokkoo taphoota kanneeniif akkaan qophoofnerra jechuun ibsan.
Arsenaal har’a Fuulhaam injifannaan garaagarummaa qabxii Siitii waliin qabu gara 6tti guddisa.
Maanchiister Siitiin ammo Wiixata halkan sa’aatii 4:00 eegalee Eevartan waliin falmata.
Taphni kun nu’iif akka tapha xumuraati jedhan Leenjisaan Siitii Peeppi Gaardiyoolaan.
Garaagarummaan Arsenaal waliin qaban qabxii 6tti ol guddatullee tapha isaanirratti dhiibbaan uumuu akka hin jiraanne dubbatan.
#Oromia #Ethiopia