Finfinnee, Adooleessa 12, 2018 (FMC) – Fandiin Inshuuraansii Maallaqa Qusatamee lammiileen sodaa tokko malee baankotaa fi dhaabbilee maayikiroo faayinaansii keessa maallaqa isaanii akka ol kaa’ataniif wabii ta’a jedhan Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Fandichaa Dooktar Dassaalany Ambaaw.
Dooktar Dassaalanyi turtii Faanaa Poodkaasti waliin taasisaniin; kaayyoon fundichaa kufaatiin baankotaa fi dhaabbilee maaykiroo faayinaansii yoo mudate, namoonni maallaqa kaawwatan akkaataa seeraatiin kaffaltii beenyaa akka argatanii fi sirni faayinaansii akka tasgabbaa’u gumaacha gochuudha jedhaniiru.
Fandiin Inshuuraansii kun itti waamamni isaa Baankii Biyyaalessaatiif akka ta’e eeranii; lammiileen baankotaa fi dhaabbilee faayinaansii xixiqqaa keessatti maallaqa kaawwataniin amanamummaa akka horatan gochuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Baankii Misoomaa malee baankonni fi dhaabbileen maayikiroo faayinaansii hundi miseensa Fandii Inshuuraansii kanaa akka ta’an kan dubbatan Dooktar Dassaalany; dhaabbilee miseensa ta’an kanneen irraa kaffaltii wabii qabeenya ykn araboonii birrii biiliyoona 23 tti dhiyaatu sassaabuun akka danda’ame dubbataniiru.
Kaffaltii walitti qabame kana keessaa birriin biiliyoona 21 tti dhiyaatu ka’umsa idilee maallaqa kaa’amee irraa kan sassaabame yoo ta’u; inni hafe immoo maallaqa kaawwame kan dhala irraa walaba ta’e irraa akka ta’e kaasaniiru.
Namoota maallaqa kaawwatan keessaa dhibbantaan 97 birrii kuma 100 gadi kan kaawan akka ta’an eeranii, fandiin Inshuuraansii kun namoota maallaqa xiqqaa kaawwataniif faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru.
Baankota daldalaa fi dhaabbilee faayinaansii xixiqqaa miseensa ta’an hunda irraa arabooniin dhibbantaa 0.3 akka sassaabamu eeranii; dhaabbilee kanneen keessatti rakkoon yoo mudate fandiin inshuuraansii baankii kaffaltii raawwatu wajjin waliigaltee uumuun kaffaltiin akka raawwatamu dubbataniiru.
Saraawiit Shaallootiin