Finfinnee, Caamsaa 2, 2018 (FMC) – Waggoota Shanan darbanitti fayyadamummaa fi aangoo murteessummaa dubartootaa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaniin milkaa’inni dhufeera jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.
Aadde Adaanech karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin ergaa dabarsaniin, jalqaba irratti “Ayyaana Harmoolii Addunyaa” sababeeffachuun baga ittiin isin ga’e jedhaniiru.
Dubartoonni Finfinnee ganama obboroon Daandii Charchil guutuun deeggarsa Paartichaaf agarsiisaniif galateeffataniiru.
Waggoota shanan darban keessatti carraa hojii miiliyoona 2 uumame keessaa dhibbeentaan 51 dubartootaaf kan kenname ta’uus ibsan.
Warshaaleen biddeenaa dubartootaaf ijaaraman, Hospitaalli Haadholii fi Daaimmanii “Abebech Gobanaa”, Wiirtuun Fooyya’iinsaa fi Guddinaa Dubartootaa “Nageewaa”ijaarame, addabaabayiin kabaja dubartootaa, dhiibbaa haadholii hir’isuuf daaimman ragaa guutuun akka barataniif hojiin hojjetame hojiiwwan fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf hojjetaman keessaa ta’uus eeran.
Filannoo Waliigalaa 7ffaa irratti kaadhimamtoota dhiyeessine keessaa dhibbeentaan 54 dubartoota jedhan.
Kunis hirmaannaa kanaan dura mana maree keessatti ture dhibbeentaa 40 akka caalu kaasan.
Mallattoon filannoo keenya “bissii(nadoo) qamadii” dha; akkuma hidhannoo qamadii sanaa tokkoomnee, misooma hunda-galeessa nama hunda hammatu itti fufsiisna jechuunis dhaaman.
Dhumarratti, nageenyaa fi misooma magaalattiif waggoota shanan darban keessatti gahee dubartoonni taphataniif Finfinneen guddaa galateeffatti jedhan.
#Oromia #Ethiopia