Fayyadamummaa ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa wabii hundagaleessa naannawichaaf …

Itiyoophiyaan biyyoota addunyaa yeroo ammaa guddina diinagdee saffisiisaa galmeessisaa jiran muraasa keessaa ishee tokko.

Bara baajataa kanattis guddina diinagdee % 10.2 galmeessisuuf karoorfattee kutannoon hojjechaa jirti.

Karoora kana milkeessuufis hammattoo imaammataa ilaalama siyaas-diinagdee Piraagmaatikii raawwii qabatamaa irratti xiyyeeffatu hordofaa jirti.

Keessumaa fooyyessiiwwan diinagdee mandhalee fi kallattiiwwan diinagdee damdaneessaan waldorgommiin gabaa akka uumamuufi dandeettiin diinagdee akka cimu taasifameera.

Misoomni qamadii, jalqabbiin piroojektoota gurguddoo, Ashaaraan Magariisaa, Sagantaan Maaddii Guutuu, Sosochiin Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu, Misoomni Kooriidarii, Diijitaal Itiyoophiyaafi hojiileen biroon jalqabbii guddina diinagdee Itiyoophiyaa kanneen agarsiisanidha.

Guddina diinagdee Itiyoophiyaa biyya uummata miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 ol qabduu mirkaneessuuf fayyadamummaa ulaa galaanaa milkeessuun dhimma adda dureedha.

Itiyoophiyaan muuxannoofi qajeeltoo addunyaarra jiruun ala dogoggoroota seenaafi shira siyaasaa diinonni xaxaniin ulaa galaanaa dhorkamtee jiraachuu hin dandeessu.

Biyyi waggoota kumaatamaaf ulaa galaanaa qabaachaa turte sababa seenessa dogoggorsaa waggoota 30’n ulaa galaanaarraa fagaattee turuu akka hin dandeenye dirqama ta’eera.

Yeroo ammaa dhimma ulaa galaanaa irratti siyaasa ija laafummaa fi dagannaa keessaa bahuun ajandaa ijoo faayidaa biyyaalessaa gochuun irratti hojjetamaa jira.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad dhimmi ulaa galaanaa dhimmi ijoo faayidaa biyyaalesaa akka ta’uufi Itiyoophiyaanonni dhimma kanarratti tokkummaan akka dhaabbataniif gahee leencaa bahataniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad “Itiyoophiyaan, biyyi uummata miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 qabdu Galaana Diimaarraa qooda qabaachuun dirqama, eenyuyyuu barbaade barbaaduus baate Itiyoophiyaan cufamtee hin jiraattu” jechuun ejjennoo isaanii ifoomsaniiru.

Tattaaffii Itiyoophiyaan fayyadamummaa ulaa galaanaa haqa qabeessa mariifi qajeeltoo kennanii fudhachuun mirkaneessuuf eegaltes beekamtii idil-addunyaa argachaa jira.

Itiyoophiyaan naannawichatti keessumaa gama shororkeessummaa ittisuufi ergama kabachiisa nageenyaa milkaa’inaan raawwachuun qooda olaanaa bahachaa jirti.

Kanaaf ammoo Raayyaa Ittisaa teeknooloojii ammayyaa hidhateefi dirqama loltummaa barbaachisaa bahachuu danda’u ijaarteetti.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa daangaa biyyaarra darbee nageenyaafi tasgabbii naannawichaaf kan dhaabbate; fakkeenya amanamummaafi jabinaa ta’uun isaa ni beekama.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuun ishees nageenya naannawichaa waaressuuf darbees dandeettii raawwachiisummaa ergama kabachiisa nageenyaan qabdu daran guddisa.

Kanas ta’e sana Itiyoophiyaan ulaa galaanaa qabaachuun birmadummaa diinagdee biyyaa kan murteessu dhimma faayidaa biyyaalessaa ijoo fi dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta’uun isaa dhugaadha.

Faallaa kanaa dhimmichi kallattiin kan ishee ilaallatu Eertiraan gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaan dhiyeesiteef deebii gaarii kennuurra daandii hin malle waan filatte fakkaata.

Haa ta’u malee uummataafi mootummaa Itiyoophiyaaf ajandaa biyyaalessaa kan ta’e gaaffiin haqa qabeessi ulaa galaanaa argachuu cimee itti fufa.

Tattaaffiin shira fi tilmaama dogoggoraa diinonni seenaa Itiyoophiyaa Galaana Diimaarraa fageessuuf baandaawwan biyya keessaa hiriirsuun xaxan fashaleessuuf eegalame bu’aalee hedduu argamsiisaa jira.

Gaaffii ulaa galaanaa kanaaf deebii argachuuf ejjennoo cimaa Itiyoophiyaanonni dhimma faayidaa biyyaalessaa irratti agarsiisan milkaa’ina olaanaa ta’eera.

Akkuma Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad jedhan eenyuyyuu barbaade barbaaduus baate Itiyoophiyaan cufamtee hin jiraattu.

Sababani isaas gaaffichi seenaa quubsuma lafaan, seera qabeessummaa ammoo haqummaan kan walsimseefi bu’uura sababa kan qabu waan ta’eef.

Comments (0)
Add Comment