Filannoon Itiyoophiyaa biyyattiif qofa osoo hin taane ardichaafis murteessaadha- Uhuuruu Keeniyaattaa

Finfinnee, Caamsaa 22, 2018(FMC)- Filannoo Itiyoophiyaan gaggeessitu biyyattiif qofa osoo hin taane ardichaafis murteessaadha jedhan Pireezidaantiin duraanii Keeniyaafi Dursaan taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa Uhuuruu Keeniyaattaan.

Filannoo Waliigalaa 7ffaa Wiixata dhufu gaggeeffamu taajjabuuf garee hundaa’e garee taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa kan dursan Uhuuruu Keeniyaattaan guyyaa kaleessaa Finfinnee galuun isaanii kan yaadatamudha.

Uhuuruu Keeniyaattaan wayita kana yaada laataniin, Itiyoophiyaan Gamtaa Afrikaa dabalatee teessoo dhaabbilee ardichaa garaagaraa fi mana keenyadha jedhan.

Filannoon Itiyoophiyaan gaggeessitu ardichaafis murteessaa ta’uu kaasanii, obboloota koo gidduutti argamee filannicha taajjabuu danda’uu kootti gammachuu guddaatu natti dhagahama jedhaniiru.

Itiyoophiyaanonni uummata ogummaa qaama isaan fayyadu filachuuf qaban ta’uu kaasanii, Itiyoophiyaan hojiilee jijjiiramaa hojjettuun biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya kan taatu akka ta’es eeraniiru.

Gamtaan Afrikaa Itiyoophiyaa qofaatti osoo hin taane adeemsa filannoo guutuu ardichaatti hojjetaman taajjabuu itti fufa jedhanii, kaayyoon isaas sirna diimokiraasii cimsuuf ta’uu dubbataniiru.

Dabalataanis muuxannoo gaarii tokkoon tokkoo biyyootaatti qabnu qooddachuufi irraa barachuuf nu gargaara kan jedhan Uhuuruu Keeniyaattaan, kunis qaama qajeeltoo rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa ta’uu kaasaniiru.

Filannoon Itiyoophiyaatti gaggeeffamu kun uummanni yaada isaa bilisummaan kan itti ibsatuufi biyyattiin ijaarsa sirna diimookiraasii isheef bu’uura kan ittiin keessu akka ta’u abdii qaban ibsaniiru.

Abeel Nawaayiin.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment