Filannoon waliigalaa 7ffaan ce’umsa dimookiraasii Itiyoophiyaaf bu’uura kan kaa’uudha- IGAD

Finfinnee, Caamsaa 26, 2018 (FMC) – Filannoon waliigalaa 7ffaan Itiyoophiyaan Caamsaa 24, 2018 gaggeessite ce’umsa dimookiraasii Itiyoophiyaaf bu’uura kan kaa’uudha jedhe Dhaabbanni Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa.

Dursituun garee taajjabdootaa IGAD Ispeesuuweesaa Waandaraa Kaazuubeen taajjabbii filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.

IGAD waamicha mootummaa Itiyoophiyaa fi Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa irraa dhiyaateef bu’uura godhachuun adeemsa Filannoo waliigalaa 7ffaa taajjabaa turuu ibsan.

Taajjabdoonni IGAD magaalootaa fi naannolee garaagaraatti bobba’uun adeemsa kenniinsa sagalee hordofaa turuu eeruun, hoggantoota Paartilee Siyaasaa fi Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa waliinis marii taasisuu dubbatan.

Filattoonni miiliyoonni 54 ol galmee diijitaalaa fi waraqaan galmaa’uu, kaadhimamtoonni kumni 10 olii fi Paartileen siyaasaa 42 filannicharratti hirmaachuu hubachuu eeran.

Naannawaa rakkoolee nageenyaa qaban naannoo Tigraayii fi naannoo Amaaraa bakkeewwan muraasaan alatti filannoon karaa nagaan gaggeeffamuu himan.

Dhaabbileen Hawaasa Siiviilii 169 filannoo ilaalchisee hojii hubannoo uumurratti bobba’uu kan eeran Ispeesuuweesaa Waandaraa Kaazuubeen, Paartilee siyaasaaf yeroon qilleensaa qoodamuun imaammataa fi tarsiimoo isaanii beeksifachaa turuu IGAD hubateera jedhan.

Adeemsi kenniinsa sagalee filannichaa sirna paartii heddumataa fi hirmaachisaa ta’uu mirkaneessineerra jechuun dubbatan.

Kunis ce’umsa dimookiraasii Itiyoophiyaaf bu’uura kan kaa’u ta’uu dubbatan.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment