Finfinnee, Onkololeessa 7, 2019 (FMC) – Finfinnee giddugala Turizimii Ispoortii taasisuun gahee hunda keenyati jedhan Kantiibaan magaalichaa Adaanech Abeebeen.
Kantiibaa Adaanech Yaa’ii Mana Maree Ispoortii magaalichaa 16ffaa eegalchiisaniiru.
Ispoortiin nageenyaaf, jaalalaaf, tokkummaafi guddina dinagdeef murteessaa ta’uu kaasan.
Ispoortiin guddina Diinagdee fi Turizimii magaalichaaf carraa guddaa kan uumu ta’uu eeran.
Kanaaf Finfinnee giddugala Turizimii Ispoortii taasisuun gahee hunda keenyati jedhan.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa