Finfinnee, Onkololeessa 7, 2019 (FMC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 7ffaan tapha har’a Eevartan Cheelsii keessummeessuun eegalama.
Har’aa waaree booda sa’aatii 8:30 eegalee Eevartan morkiin Cheelsii waliin taasisu ni eegama.
Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 196 keessaa Cheelsiin yeroo 78 yoo injifatu, Eevartan si’a 60 injifachuun taphoota 58 ammoo qabxii qooddataniiru.
Akkasuma waaree booda sa’aatii 11:00 jalqabee Bireentifoord – Liiverpuul, Fuulhaam – Haal Siitii, Maanchiister Siitiin ammoo Ippisiwiich Taawoon waliin morkatu.
Galgala sa’aatii 1:30 jalqabee Niwuukaasiil – Astoon Viilaa waliin taphata.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa