Finfinnee, Onkoloolessa 5, 2019 (FMC) — Gaaffii Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaa keessummeessuuf dhiyeessiteefi qophii taasisaa jirtu madaaluuf gareen ogeessota olaanoo Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) ramadame Finfinnee galeera.
Miseensonni garee kanaa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee yeroo ga’an, Ministirri Dargaggootaafi Ispoortii Dooktar Akliluu Taddasaa, akkasumas hoggantoonni olaanoon ministeerichaa fi Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa simataniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa