Finfinnee, Fulbaana 7, 2019(FMC)- Finfinneen magaalaa saaxilamummaa balaa gadi aanaa qabdu, nageenyummaan ishee eegameefi jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamattu jedhamuun Afrikaa irraa sadarkaa jalqabaa addunyaa irraa ammoo sadarkaa 2ffaa irratti argamti.
Dhaabbanni Ji’oospaashaal Alfaa Ji’oon ulaagaalee bulchiinsaafi imaammata saaxilamummaa balaa fi deebii kennuu, tarkaanfiiwwan jijjiirama qabeenya qilleensaa madaqsuufi kanneen biroon magaalota 72 kan dorgomsiise yoo ta’u, Finfinneen sadarkaa 2ffaa qabachuun fakkeenya magaalota addunyaa taateetti.
Magaalattiin addunyaarraa magaalaa saaxilamummaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamattu jedhamuun magaalaa Ameerikaa Chikaagootti aantee sadarkaa kana qabatte.
Hojiilee magaalattiin misooma kooriidariifi qarqara lagaan hojjetteen akkasumas bu’uuraalee misoomaa ammayyaa diriirsiteen sadarkaa kanarra taa’uu dandeesse.
Finfinneen magaalaa qalbii addunyaa hawwattuufi jiraattotaaf mijooftuu ta’uurra darbee saaxilamummaa balaa gadi aanaa kan qabdu, nageenyi ishee eegameefi jijjiirama qabeenya qilleensaa kan dandamattudha.
Ragaan dhaabbata idil-addunyaa irraa magaalattiif kenname warreen imaammata baasaniifi abbootii qabeenyaaf yaadota furmaataa kennuuf baay’ee barbaachisaadha.
Baay’inni uummataa magaalota addunyaa saffisa olaanaan guddachaa jira.
Baay’inni uummataa saffisa olaanaan guddachuun fedhiiwwan haaraa fidee kan dhufu yoo ta’u, sadarkuma Kanaan magaalonni fedhiiwwan kanneeniif deebii hatattamaa kennuutu irraa eegama.
Misoomni kooriidariifi qarqara lagaa magaalaa Finfinnee akkaataa Kanaan eegalame magaalattiif sadarkaa idil-addunyaatti beekamtiin akka kennamuuf taasisaa jira.
Akka ragaan Waajjira Kantiibaa magaalattii mul’isutti laggeen magaalattii 8 irratti hojiin misooma qarqara lagaa kiiloomeetira 59 dheeratu hojjetameera.
Laggeen misoomsuun miidhagina dabaluurra darbee faalama laggeenii, balaa lolaafi hanga ho’aa ni hir’isa akkasumas jiraattotaaf carraa qilleensa qulqulluu argachuufi sosochii qaamaa hojjechuu uuma.